𝐇𝐈𝐍 𝐁𝐄𝐄𝐊𝐔! Wallaaluun cubbuu miti, yakka ta’ees namatti hinmurteessisu. Addunyaa kana irra beekaan dhumaafi wallaalaan dhumaa hinjiru. Hundumtuu beekumsa mataa isaa ni qaba. Garuu kan beeku irratti dabalee baruuf barata. Akka hinbeekne beekun iyyuu beekumsa waan ta’eef! Kan hinbeekne baruufi kan beekan barsiisuun wanta jajjabeeffamuudha. Garuu wanta hinbeekne hinbeektu taanan wanta baruu qabdu hinbarin hafta. Kanaaf wanta beektuufi hinbeekne adda baasii beeki. Cimina kee fooyyeessi, jabina kee caalchisii irratti hojjedhu. Kanan siti himuu fedhu gaafa namni dogongora kee si hubachiisuuf yaalu ciniinattee mormita taanan ati farra guddinaa ofitti ta’aa jirta. Namni dogongora kee akka bartuuf sitti himu diina kee miti. Inni nama ilaalcha gaarii qabuudha. Nama akkasii galateeffachuutu sirra jira. Nama ceepha’uufi namatti himuun walii adda. Hiriyyaa gaariin daawwitii jireenyaati waan ta’eef mudaa obboleessa/tti kee itti himuun sirraa eegama. Garuu mudaa namaatti quba qabuuf qubni s...
Erga Media: Your Gateway to Technology & Society At Erga Media we bring you the latest insights on *technology and social issues**, exploring how innovation shapes our world. From groundbreaking tech trends to the social impact of digital transformation, we deliver in-depth analysis, expert opinions, and thought-provoking discussions