Skip to main content

𝐇𝐈𝐍 𝐁𝐄𝐄𝐊𝐔!

𝐇𝐈𝐍 𝐁𝐄𝐄𝐊𝐔! Wallaaluun cubbuu miti, yakka ta’ees namatti hinmurteessisu. Addunyaa kana irra beekaan dhumaafi wallaalaan dhumaa hinjiru. Hundumtuu beekumsa mataa isaa ni qaba. Garuu kan beeku irratti dabalee baruuf barata. Akka hinbeekne beekun iyyuu beekumsa waan ta’eef! Kan hinbeekne baruufi kan beekan barsiisuun wanta jajjabeeffamuudha. Garuu wanta hinbeekne hinbeektu taanan wanta baruu qabdu hinbarin hafta. Kanaaf wanta beektuufi hinbeekne adda baasii beeki. Cimina kee fooyyeessi, jabina kee caalchisii irratti hojjedhu. Kanan siti himuu fedhu gaafa namni dogongora kee si hubachiisuuf yaalu ciniinattee mormita taanan ati farra guddinaa ofitti ta’aa jirta. Namni dogongora kee akka bartuuf sitti himu diina kee miti. Inni nama ilaalcha gaarii qabuudha. Nama akkasii galateeffachuutu sirra jira. Nama ceepha’uufi namatti himuun walii adda. Hiriyyaa gaariin daawwitii jireenyaati waan ta’eef mudaa obboleessa/tti kee itti himuun sirraa eegama. Garuu mudaa namaatti quba qabuuf qubni sin hollatin. Atis guutuu mitii. Namni qubee Afaan Oromoo sirnaan qubeessuu hindandeenye ni jira. Tarii anis wantan dogongore qabaachuun danda’a. “Ilaa akka inni itti barreessu. Yoo hinbeekne hindhiiftuu? Kana wallaaltaa?” namaan jechuun hamilee namootaa miidha. Garuu “akkanatti sirreeffadhu” jechuun sirreessuun filatamaadha. Yeroo baay’ee wallalte jedhanii namoonni si tuffachuu barbaadan eenyu seete? Warreen beekumsa hamma huubaa sammuu keessa keewwatanii akka nama guuboo beekumsaa mataatti baatutti of yaadaniidha. Waa’ee warreen kanaafi hojii isaanii yoo Rabbi jedhe guyyaa biraa bal’inaan ilaalla… Maaltu bade seeta? Kan Ormaa mudaa meeqa dandeenye waliin jiraanna. Garuu keenya qeequufi abaaruuf baay’ee ariifanna. Kun sirriidha jedhee hinyaadu. Namni gaafa wanta badaa godhu iyyuu sababa ta’e ni qaba. Yoo beekaa taate badii nama sanaa dursa sababa maaliif akka godhe yaadda. Murtee kennuus ta’e gorsuun erga miira namaa hubattee bareeda. Kan beektu barsiisi, kan hinbeekne baradhu. Nama hintuffatin, dogongora yoo qabaate akka sirreeffatuuf itti himi!

Comments

Popular posts from this blog

Jireenya Kee Jijjiiruu Ni Feetaa?

Jireenya Kee Jijjiiruu Feeta? Ka'ii, Har'a Jalqabi! Seensa Namni hunduu jireenya fooyya'aa fi gammachuu guutuu qabaachuuf fedhii qaba. Garuu, fedhii qofa qabaachuun gahaa miti; tarkaanfii fudhachuun murteessaadha. Namoonni baay’een carraa eeguun turu; garuu, carraan eenyuufuu hin eeggamu. Warri milkaa’an yeroo sirrii eeganii hin turre – ka’anii hojjatan ! Ati immoo har’a jalqabuu dandeessa! 1. Jijjiirama Maaliif Barbaadna? Jijjiiramni sababa lamaaf barbaachisa: Rakkoo keessaa ba’uuf. Sadarkaa olaanaa irra ga’uuf. Namni jireenya fooyyeffachuu barbaadu wantoota jijjiiruuf dirqama qaba. Jireenya keessa rakkoon fi gufuun ni jiraatu. Garuu, namoonni milkaa’an tarkaanfii fudhachuu fi warri hafan immoo dhiisuu filatu. Ati eenyu ta’uuf yaadaa? Ka’ii, har’a jalqabi! 2. Of-Baruu fi Kaayyoo Kee Beekuu Kaayyoo malee deemuun karaatti hafuu dha. Jireenya kee jijjiiruuf wantoota armaan gadii irratti xiyyeeffadhu: Of-baruu : Jabina fi laafina kee addaan baafadhu. Yaada kee fooyyes...

Qaama Saalaa Dhiiraa Guddisuu

  Qaama Saalaa Dhiiraa Guddisuu Qaama saalaa dhiiraa guddisuu jechuun, gabbina qaama saalaa dhiiraa fi hormoonota gabbisuu irratti xiyyeeffachuun barbaachisaa dha.  Kuni , gabbina qaama saalaa dhiiraa fi dandeettii hormoonota gabbisuu irratti xiyyeeffachuun, namoota dhiiraa gabbifachuuf yaalii fi tooftaawwan baay'ee barbaachisu. Gabbina qaama saalaa dhiiraa, hormoonota, akkasumas, gabbina fi dandeettii qaama irratti dhiibbaa qaba. Haaluma kanaan, toftaa gabbina qaama saalaa dhiiraa cimsuuf,  soorata sirrii  fi  hojii qaamaa  gochuun barbaachisaa dha. Sooranni, gabbina qaama saalaa dhiiraa irratti dhiibbaa olaanaa qaba, akkasumas, gabbina hormoonota irratti haala gaarii uumuun gargaara.  Namoonni , soorata gabbina qaama saalaa dhiiraa cimsuuf, soorata protein, vitamins, fi minerals baay'ee qabu fayyadamuun barbaachisaa dha. Dabalataan,  hojii qaamaa  gochuun, gabbina qaama saalaa dhiiraa fi hormoonota irratti dhiibbaa gaarii uumuun gargaara. H...

Privacy policy

TERMS AND CONDITIONS Last updated May 22, 2025 AGREEMENT TO OUR LEGAL TERMS We are Erga media ( " Company ," " we ," " us ," " our " ) , a company registered in Kenya at Eastleigh section one Nairobi , Section one Nairobi , Nairobi , Nairobi 00610 . We operate the website Ergamedia.khaxari.net (the " Site " ) , as well as any other related products and services that refer or link to these legal terms (the " Legal Terms " ) (collectively, the " Services " ). You can contact us by phone at +254799947681 , email at Info@khaxari.net , or by mail to Eastleigh section one Nairobi , Section one Nairobi , Nairobi , Nairobi 00610 , Kenya . These Legal Terms constitute a legally binding agreement made between you, whether personally or on behalf of an entity ( " you " ), and Erga media , concerning your access to and use of the Services. You agree that by accessing the Services, you ha...