Madda galii babal'ifachuu Diversifying income sources
Wantoota Guddina Dinagdee Keessatti Murteessoo Ta’an
Guddina dinagdee fi misooma dhuunfaa gabbisuuf, wantoota gurguddoo asiin gadii kana beekuun barbaachisaadha. qabxiile saglan hordofi:1. Of Jijjiiruu
Guddina dinagdee fi milkaa’ina dhuunfaa argachuuf of jijjiiruu fi haala haaraa qopheessuun murteessaadha. Nama carraa haaromsu fi barnoota irraa fudhatu qofatu gara fuulduraatti tarkaanfachuu danda’a.2. Mul’ata Qabaachuu fi Karooraan Jiraachuu
Namni tokko waan barbaadu, akkasumas eessa akka ga'u fedhu yoo beekee karoorfatee hojjate, bu'aa barbaadame ni argata. Milkaa’ina guddaa fiduuf, karooraan hojjachuun dirqama.ibsa balla argachuuf mata dure kana hordofimilkaa'a ta'uuf3. Aadaa Hojii Gaarii Gabbifachuu
Hojiin sababa milkaa’inaati. Kanaaf, yeroo sirrii keessatti hojii sirriin hojjechuu fi of eeggannoo guddaan hojii gaggeessuun guddina dinagdee gabbisa.4. Madda Galii Babal’ifachuu
Madda galii tokko qofatti hirkachuun balaa guddaa qaba. Kanaaf, galii karaa adda addaa horachuun fi damee hojii babal’isuun guddina dinagdee gabbisa.ibsa balla argachuuf mata dure kana hordofiguddina diinagdee5. Amala Qusannaa Jabaa Horachuu
Qusannaan gaariin dinagdee dhuunfaa fi maatii cimsuuf murteessaadha. Namni qusachuu danda'u, yeroo rakkoo fi carraa haaromsuuf haala mijataa qaba.ibsa balla argachuuf mata dure kana hordofiMaallaqa Olkaa’i (Save Money)6. Baasii Hin Malle Hir’isuu
Baasii irra caalaa xiqqeessuun fi meeshaalee hin barbaachisne bituu dhiisuun qabeenya itti fufsiisuuf faayidaa guddaa qaba. Baasii sirnaan to’achuun dinagdee jabeessa.7. Idaa Hamaa Keessa Akka Hin Seenne Of-eeguu
Bittaa fi gurgurtaa to’achuun, mindaa ol-guddisuu dhiisun fi idaa hamma hin malle keessa hin seenne, hojii fi jireenya dinagdee eeguuf gargaara.8. Qabeenya Horachuu
Namni qabeenya horachuu danda’u, rakkoo dinagdee jalaa bahuu fi carraa haaromsuuf haala mijataa qaba. Qabeenyi si’aayinaan hojiin bal’ata, galiin dabala.9. Beekumsaan Of Qaraa Adeemu
Guddina dinagdee mirkaneessuuf, beekumsa gahaa argachuun barbaachisaadha. Barnoota irraa fudhachuu, hubannaa haaraa horachuu fi carraa dandeettii guutuu danda’uuf hojjachuun murteessaadha.ibsa balla argachuuf mata dure kana hordofiBeekumsaan of qaraa deemuu **Wantoota kanniin sirnaan hojiirra oolchuun, guddina dinagdee fi misooma dhuunfaa mirkaneessuuf bu'ura jabaa ta'a.**
#GuddinaDinagdee #QabeenyaHorachuu #KarooraaJiraachuu
Erga Media


Comments