Garaadhaan rafuun ykn Ciisuun Maaliif Dhorkame?
1.Akka Hadiisatti
Islaamummaan garaa irratti ciisuu akkaan jibbamaa ta’uu ibsa, sababni isaas hadiisonni dhufe garaan ciisuu warra jahannam waliin wal fakkessa jechun dhorke jir.
➤Hadiisa 1:
Abuu Hureeyraan (RA) akka gabaasetti, Ergamaan Rabbii ﷺ namicha garaa isaa irratti ciisaa jiru arganii akkana jedhan:
“إن هذه ضجعة لا يحبها الله”
Hiikni isaa: “Dhugumatti, ciisichi kuni ciisicha Rabbiin hin jaalanneedha.”
Madda: Sunan Abi Dawood, hadiisa lakk. 5040.
➤Hadiisa2:Yaa’ish ibn Tihfa al-Ghifaariin (RA) abbaa isaa irraa akka gabaasetti, inni akkana jedhe:
“Ani osoo garaa koo irratti ciisaa jiru,Ergamaan Rabbii ﷺnatti dhufanii miilaan na rukutani akkana jedhan:”
“لا تضطجع هذه الضجعة، فإنها ضجعة يبغضها الله”
Hiikni isaa: “Akkanatti hin ciisin, dhugumatti, ciisichi kuni ciisicha Rabbiin jibbuu dha.”
Madda: Musnad Ahmad, hadiisa lakk. 16230.
➤Hadiisa 3:Gaafa tokko Ergamaan Rabbii ﷺ Abuu Zarri Al-Gifaarii (RA) osoo garaa isaa irratti ciisee rafu arganii sosochoosanii akkana jedhan:
“Yaa Juneydib! Akka warri ibidda keessa jiruu itti ciisanitti ciisaa jirta.”
Madda: Sunan Ibnu Maajah.
➤Hadiisa 4:Keessummaan tokko yeroo Ergamaa Rabbii ﷺ bira bulu, halkan keessaa gadi bahan. Keessummichi garaan ciisee rafu, Nabiyyii ﷺ immoo miilaan isa sochoosanii akkana jedhan:
“Ka’i! Akkanatti hin ciisin, akka warri ibidda keessa jiruu itti ciisutti ciisaa jirta.”
Madda: Musnad Ahmad.
Hadiisota kanniin irraa:
✅ Garaa irratti ciisuu kan warra jahannam waliin wal fakkeessa.
✅ Rabbiin (SW) akkaan jibbuu isaa Nabiyyii ﷺ ibsaniiru.
Kanaaf, dhiira fi dubartiin Muslimaa hundi garaa irratti ciisuu irraa of qusachuu qabu.
2.Akka Qorannoo Fayyaa Saayinsiitiin:–
Qorannoowwan fayyaa akka mul’isanitti, garaan ciisuun dhukkuboota armaan gadii fiduu danda’a:
☑Cirracha kalee baay’isu – Dhiiga fi dheedhii kaleen faayidaarra oolchu irratti rakkoo fida.
☑ Qaamota garaa miidhu – Nyaata nyaata sirnaani fi biliisaan akka daakamuf rakkisa.
☑ Dhukkubbii cimaa ceekuu irratti fida – Hiddi dhiigaa ceekuu keessa darbu ni gufata.
☑ Dhiibbaa dhiigaa ni laaffisa (Onneen dhaabbachuu danda’a) – Hirkata dhiiga onnee irratti dhiibbaa geessisa.
☑ Hafuura fudhachuu fi baasuu dadhabsiisa – keesumatti namoota dhukkuba sirna hafuuraa qaban irratti.
☑ Dhibeewwan dugdaa fida – Fageenya laaluu fi dugda miidha.
Qorannoowwan fayyaa yeroo yeroon haalaan akka gabbisan beekuun barbaachisaa dha.
Xumura
Islaamummaan garaan ciisuu akkaan jibbama ta’uu ifa godha, hadiisonni dhufe haala kana ibsu.
Akka qorannoo fayyaa ammayyaatti immoo, garaan ciisuu dhibee garaa garaa fiduu danda’a.
Kanaafuu, nama fayyaa isaaf yaadu hundi garaan ciisuu irraa of eegu qaba.
➠Akka Nabiyyii ﷺ nu barsiisan, ciisni gaariin mirga irratti ciisuu dha!
Rabbiin nuuf haa laaffisu! inshaallah
ERGA MEDIA
Jireenya Kee Jijjiiruu Feeta? Ka'ii, Har'a Jalqabi! Seensa Namni hunduu jireenya fooyya'aa fi gammachuu guutuu qabaachuuf fedhii qaba. Garuu, fedhii qofa qabaachuun gahaa miti; tarkaanfii fudhachuun murteessaadha. Namoonni baay’een carraa eeguun turu; garuu, carraan eenyuufuu hin eeggamu. Warri milkaa’an yeroo sirrii eeganii hin turre – ka’anii hojjatan ! Ati immoo har’a jalqabuu dandeessa! 1. Jijjiirama Maaliif Barbaadna? Jijjiiramni sababa lamaaf barbaachisa: Rakkoo keessaa ba’uuf. Sadarkaa olaanaa irra ga’uuf. Namni jireenya fooyyeffachuu barbaadu wantoota jijjiiruuf dirqama qaba. Jireenya keessa rakkoon fi gufuun ni jiraatu. Garuu, namoonni milkaa’an tarkaanfii fudhachuu fi warri hafan immoo dhiisuu filatu. Ati eenyu ta’uuf yaadaa? Ka’ii, har’a jalqabi! 2. Of-Baruu fi Kaayyoo Kee Beekuu Kaayyoo malee deemuun karaatti hafuu dha. Jireenya kee jijjiiruuf wantoota armaan gadii irratti xiyyeeffadhu: Of-baruu : Jabina fi laafina kee addaan baafadhu. Yaada kee fooyyes...


Comments