Gaafii fi Deebii (Fataawaa) Dr jelyan khadir
1. Gaafii= Dubartiin Ramadaana guutuu soomuuf kheeyrii hundaa irratti hirmaachuuf jecha akka dhiigni Heeydii itti dhufnee dhoowwuuf Marfee fi Kiniinii fayadamuun Dhoorkaa qabaa ?
Deebii =homaa Rakkoo hin qabu.
Garuu isheedhaaf ka caalu Aadaa ishee jijjiiruu dhabu.
sababa marfee ykn kiniina fudhatte sanaaf yeroo biraa Aadaan isheen dur qabdu jalaa jijjiiramuun ishee yoo ka rakkisu tahe tahee ka isheen miidhaaf saaxilamtuu hin eeyyamamu dhoowwaadha.
2. Gaafii=Ramadaana keessa Namni Tokko Kalee isaa dhiqachuun sooma cabsaa ?
Deebii = Beektonni Islaamaa Kalee dhiqachuun sooma ni cabsa. Qadaa deebisuu qaba.
3. G=Ramadaana keessa Buruushaa fi Saamunaa fayyadamuun Ilkaanii fi Afaan ofii qulqulleessun Sooma cabsaa ?
D = hin cabsu
4. Ramadaana keessa Dubartiin mi'aa sooqidda midhaanii dhandhamuun sooma cabsaa ?
D = lakki hin cabsu. Garuu gadi tufuu qabdi
5. Hancuufa ofii gadi liqimsuun sooma cabsaa?
D = Namni Tokko Afaan fi ilkaanii isaa keessaa Waan nyaata tahe yoo qulqulleeffate hancuufa qulqulluu yoo liqimse Soomni isaa hin cabu.
= hancuufa wajjiin nyaata Afaan keessatti hafe qoqqotee liqimsuu hin qabu.
= hancuufa gogaa(Aakkitaa) gadi dabartuu hin qabu
= hancuufa Afaan keessa walitti qabanii liqimsuu hin qaban.
6. G=Ramadaana keessa erga Aduun Qixxee Dabartee Suwaaka fayyadamuun Sooma cabsaa ?
D = Suwaaka/ Rigaa ilkaani fayyadamuun waan Amantiin itti Ajajuudha hin cabsu
7. Dubartiin Opporeeshinaan deesse takka hukmiin ishee maal taha ?
D = hukmiin (Heerri) ishee hukmima Dubartii Qaama Uumama isheetin Deessee qabdi.
8. Dubartiin Garaan irraa bahe hukmiin isheen qabdu maal ?
D = hukmiin isheen waan Garaa irraa bahe san irratti hundaaya.
Fkn. Wanti garaa bahe sun Likkii Ruuhiin itti Afuufame yoo gahe. Akkuma Dubartii geessee Deetteeti.
Ykn. Wanti garaa bahe sun waan xiqqaa Ruuhiin itti hin Afuufamni yoo tahe. Dhiiga san ofirraa dhiqattee soomti salaatti.
9. Namni tokko Konkolaachisaa Finfinnee irraa Roobee, Jimmaa, Dirree Dawa fi k.k.k.fa'a yoo ka deemu tahe Musaafira jechuun Sooma furuu Danda'aa ?
D =Eeyyan furuu ni danda'a.
Garuu rakkoon dirqama itti taatee furu yoo hin jiraatin Soomutu isaaf irra caala.
10. Hojjattoonni tokko tokko Iddoowwan fi Warshaalee Aarrii Qaama Namaa seenuu bira hojjatu Aarrii nama seenu sun sooma cabsaa ?
D = lakki hin cabsu
11: Sigaaraan Aarsuun hoo sooma cabsaa ?
D = Sigaaraa Aarsuun Qaama Namaa irratti miidhaa hedduu waan geessuuf Ramadaanaa fi yeroo biroos hin eeyyamamu Haraama.
Sooma namas ni Balleessa.
13. Namni Tokko dhibee kanarraa hin fayyuu Jedhamee Dr itti yoo himame Sooma waan Dandeenneef Kaffaartaa Sooma yoo ofirraa baase. Boodarratti garuu Yoo Rabbiin isa fayyise Sooma dura hin soomin ka nama nyaachise san qadaa deebisuu qabaa ?
D = Deebisuu hin qabu.
Akkuma nama bishaan dhabee Tayammumaan salaatee boodarra bishaan argateeti. A.A
Dr Jeeylaan Khadiir Gammadaa
erga media
Jireenya Kee Jijjiiruu Feeta? Ka'ii, Har'a Jalqabi! Seensa Namni hunduu jireenya fooyya'aa fi gammachuu guutuu qabaachuuf fedhii qaba. Garuu, fedhii qofa qabaachuun gahaa miti; tarkaanfii fudhachuun murteessaadha. Namoonni baay’een carraa eeguun turu; garuu, carraan eenyuufuu hin eeggamu. Warri milkaa’an yeroo sirrii eeganii hin turre – ka’anii hojjatan ! Ati immoo har’a jalqabuu dandeessa! 1. Jijjiirama Maaliif Barbaadna? Jijjiiramni sababa lamaaf barbaachisa: Rakkoo keessaa ba’uuf. Sadarkaa olaanaa irra ga’uuf. Namni jireenya fooyyeffachuu barbaadu wantoota jijjiiruuf dirqama qaba. Jireenya keessa rakkoon fi gufuun ni jiraatu. Garuu, namoonni milkaa’an tarkaanfii fudhachuu fi warri hafan immoo dhiisuu filatu. Ati eenyu ta’uuf yaadaa? Ka’ii, har’a jalqabi! 2. Of-Baruu fi Kaayyoo Kee Beekuu Kaayyoo malee deemuun karaatti hafuu dha. Jireenya kee jijjiiruuf wantoota armaan gadii irratti xiyyeeffadhu: Of-baruu : Jabina fi laafina kee addaan baafadhu. Yaada kee fooyyes...

Comments