CIRRACHA KALEE (RENAL STONES)
*************************************
Cirrachi kalee, waantoota garaa garaa irraa kaleedhuma keessatti walitti qabamuun kan uumamtu dha. Cirrachi kale kan uumamu sababaan isaa guutummaa guutuutti beekamuu baatus sababoonni akka ka’umsaatti tarreeffaman: bishaan ga’aa dhuguu dhabuu, dhukkuba sukkaaraan qabamuu, ulfaatinni garmalee dabaluu, nyaata prootinaan olka'aa yeroo mara soorachuu fi kkf. Cirrachi kun gosoota addaa addaa qabaatus dhibbaan inni namarraan ga’uu fi mallattoolee inni argisiisu walfakkaataadha.
*************************************
MALLATTOON CIRRACHA KALE MAALFA’II?
Cirrachi kalee kun qaama sirna fincaanii keessaa bakka garaa garaatti argamuu danda’a. Mallattoon dhukkuba kanaas bakka cirrachi jiru (kalee, ujummoo fincaanii, afuuffee fincaanii) irratti hundaa’ee mallattoo garaa garaa argisiisa.
“Cirracha Kalee Keesaa”: Yoo cirrachi kan kalee keessatti kuufame ta’e yeroo hedduu cinaacha keenya gama hubameen dhukkubbiin nutti dhaga’ama. Dhukkubbiin kun waggoota hedduuf nurra turuu danda’a. Takka takka dhukkubee giddu gidduun bade deebi’uus ni mala. Cirrachi kalee keessatti kuufame kun osoo dhukkubbii nutti hin dhageessisiin waggoota dheeraaf taa'uu illee ni danda'a.
“Cirracha Ujummoo fincaanii Kessaa”: Ujummoon fincaanii (ureter) kan kalee fi afuuffee finacaanii walqabsiiftu keessatti cirrachi kun kan argamu yoo ta’e, dhukkubbii baay’ee hamaa fi nama obsachiisuu hin dandeenye kan cinaacha keenya gama miidhame irraa ka’ee gara qaama saalaa keenyaatti garmalee gadi waraanutu nutti dhaga’ama. Kanatti dabalees mallattoo akka oldeebisuu/haqqee, dhagna gubuu fi kkf yeroo dhukkubbii kana namatti fiduu mala. Cirrachoonni garmalee nama dhukkubsan warren hammaan xixiqqaa ta’anidha. Cirrachi gurguddaa yeroo hedduu kalee keessaa ba’ee gara ujummoo fincaanii qal'oo kanaa waan hin dhufneef (waan ujummoo keessa hin sochooneef) akkanatti nama hin dhukkubsu. Dhukkubbii irratti dabalee cirrachi kalee mallattoolee akka fincaan diimessuu yokaan dhiiga fincaa’uu ni fida. Kunis cirrachi kun qaama fincaanii keenya yoo dhiigsu fiincaan waliin walmakee waan ba’uufidha.
*************************************
CIRRAACHA KALEE KANA OFIRRAA ITTISUUF GAMA KEENYAAM MAALGOCHUUTU NURRAA EEGAMA?
Bishaan dhuguu: bishaan ga’aa dhuguun dhukkuba cirracha kalee nurraa eeguu irra darbee cirrachoonni kalee hammaan baay’ee xixiqqoo ta’an bishaan walii akka ba’aniif gargaara. Namoonni keessumaa duraan cirrachi kalee isaanii keessaa mana yaalaan ba’eef carraa deebi’ee uumamuu isaa hir’isuudhaaf guyyaatti haga liitira 2.5 dhuguu qabu. Namoonni naannoo ho’aa jiraatan, namoonni yeroo hedduu sochii qaamaa taasisan kana caalaa dhuguu qabu.
Nyaata: nayaata qabiyyeen isaanii pirootini baay’ee olka’aa ta’an yeroo mara soraachuu irraa ofqusachuu qabna. Asahaboo nyaata keessaa illee yoo hedduu olka’aa ta’e akkuma dhukkuboota biroof nama saaxilu carraa dhukkuba kanaan qabamuu illee olkaasa.
Cirrachi kalee yeroo ammaa kana yaala akkamii qabaa?
Namni tokko mallattoowwan armaan olii waan qabuuf qofa cirracha kalee qaba jechuun hin danda’amu. Dhukkuboonni garaagraa mallattoo walfakkaataadhaan of mul’isuu malu. Kanaaf namni mallattoolee kana qabu mama yaalaa erga deemee booda altiraasaawondii (ultrasound) dhaan ilaaluudhaann cirrachi kun jiraachuu fi dhiisuu isaa, yoo kan jiru ta’eef ammoo bakka kamitti akka argamuu fi hammi (size) cirracha Sanaa hagam akka ta’e safaruudhaan gara yaaluutti deemama. Yaalli cirracha kalee haga (size) dheerina cirracha sanaa irratti hundaa’uudhaan haala garaagaraan kennama.
Cirrachi kalee hammaan baay’ee xixiqqoo ta’an yaala baqaqsanii yaaluu waan hin barbaadan. Bishaan yoo baay’isanii dhugan waan ba’uu danda’uuf mana yaalaatti kanuma gorfamu. Qorichoonni akka ciracchi xixiqqoon kun bishaan waliin baatuufa gargaaranis ni kennamu. Itti dabalaan ciracchi xixiqqoon kun akkuma armaan olitti ibsame gaafa ujummoo keessa deemtu waan dhukkubbii cimaa namatti fidduuf qorichoota dhukkubbii kana hir’isan fudhachuun barbaachisaadha.
*************
ERGA MEDIA
Jireenya Kee Jijjiiruu Feeta? Ka'ii, Har'a Jalqabi! Seensa Namni hunduu jireenya fooyya'aa fi gammachuu guutuu qabaachuuf fedhii qaba. Garuu, fedhii qofa qabaachuun gahaa miti; tarkaanfii fudhachuun murteessaadha. Namoonni baay’een carraa eeguun turu; garuu, carraan eenyuufuu hin eeggamu. Warri milkaa’an yeroo sirrii eeganii hin turre – ka’anii hojjatan ! Ati immoo har’a jalqabuu dandeessa! 1. Jijjiirama Maaliif Barbaadna? Jijjiiramni sababa lamaaf barbaachisa: Rakkoo keessaa ba’uuf. Sadarkaa olaanaa irra ga’uuf. Namni jireenya fooyyeffachuu barbaadu wantoota jijjiiruuf dirqama qaba. Jireenya keessa rakkoon fi gufuun ni jiraatu. Garuu, namoonni milkaa’an tarkaanfii fudhachuu fi warri hafan immoo dhiisuu filatu. Ati eenyu ta’uuf yaadaa? Ka’ii, har’a jalqabi! 2. Of-Baruu fi Kaayyoo Kee Beekuu Kaayyoo malee deemuun karaatti hafuu dha. Jireenya kee jijjiiruuf wantoota armaan gadii irratti xiyyeeffadhu: Of-baruu : Jabina fi laafina kee addaan baafadhu. Yaada kee fooyyes...

Comments