Seena Abiraam Linkeen fakkeenya gaariif mudannoo jireenya innikeessa darbe
Abraham Linkeen Preezidaantii Ameerikaa jaarraa 16ffaa ta'uun bara 1861 hanga 1865tti taajajile. Hojii jabaaf inni ittin leellifaamu immoo nama akka garbaatti fayyaadamuun akka hin barbaachifne, dhalli namaa hunduu walqixa. Tokko garba kaan immoo gooftaa ta'uu hinqabu jechuun seera gabrummaa dhorka baasudhani. Namni kun tolatti aangoo Ameerikaa bulchuu hinarganne. Waantoota hedduu obsaan bira taarudhaan. Isaanis:
Umuriin isaa ganna 21tti hojii daldaala eegale kasaare.
Waggaa tokkoon booda, umurii 22tti dorgommii siyaasaa dorgoome mo'ame.
Waggaa lamaan booda, umuriisaa ganna 24tti yeroo lammaffaf daldaalan kasaare.
Umuriin isaa ganna 26tti jaalalleen isaa duute.
Waggaa tokkoon booda, ganna 27tti dhukkuba ribuu (narvii) dhukkubsachuun qaamni isaa laamsha'e.
Waggaa torbaan booda, ganna 34tti dorgommi koongireesii dorgomee mo'ame.
Umuriisaa ganna 45tti dorgommii seenateerii biyya isaa dorgomee mo'ame.
Ammas waggaa lama boodas, ganna 47tti itti aana pireezedaanti Ameerikaa ta'uuf dorgomee mo'atame.
Waggaa lamaa boodas, dorgommii seenateerii biyya isaa dorgomee mo'ame.
Umurii isaa ganna 52tti, dorgommii pireezedaantummaa biyya Ameerikaa dorgome mo'ate.
Abraham Linkeen, yeroo sagal kufee kurnaffaatti mo'ate. Maarree dhaloonni bara keenyaa osoo dirree hinseenin maaliif mo'ama. Kaayyoo qabaachuun dura mo'amuunis mo'achuunis akka jiru xiinxaalun icciitii jireenyaati.
• • Abrahaam Linkeen • •
= = = = = = = = = = = = = = = ====
Abrahaam Linkeen dorgomee injifatee gara piresidaantummaa Ameerikaatti yeroo ol ba'etti abbaan isaa nama kophee miilaa hojjetu ture. Sababa kanaanis Linkeen namoota sammuun isaanii dadhabaa ta'an baay'ee isaanii biratti 'Ilma abbaa suphituu kophee' jedhamuun beekamu kun gara pireesidaantummaatti ol ba'uun isaa baay'ee isaan hinaafsisa ture.
yeroo jalqabaatiif Linkeen haasa'aa isaa gochuuf yaa'ii mana maree duratti ol ba'e. Kana gidduutti garuu namichi sooressi tokko namoota gidduudhaa lafaa olka'ee, "Yaa Abrahaam Linkeen, maatii koof kophee kan suphuu fi qulqulleessu abbaa kee ta'uu isaa hin dagatiin," ittiin jedhe. Uummatni achitti argamanis ‘kitkit kitkit kitkit’ jedhanii kolfa itti gaggaban. Sababni isaas immoo Linkeen dubbii dureessichi dubbatetti baay'ee qaana'eera jedhanii waan yaadaniif.
---------------------------------------------------
Namoonni tokko tokko garuu uumamuma isaanii tiin hubannaa addaa gonfatanii dhalatu mitii ree? Linkeenis namoota hubannaa addaa sana waliin dhalatan kanneen keessa tokko waan ture natti fakkaata. Dureessicha namoota itti kolfisiise sana ija, ija isaa keessa ilaalaa deebiin inni kenneef kan akkas jedhu ture; "Yaa Gooftaa koo, abbaan koo maatii keessaniif akka kophee hojjetu anis beeka. Akkasumallee isiniif qofa osoo hin taanee namoota mana maree kana keessatti argaman hedduu isaaniif illee dabalatee isatu kophee hojjeta. Sababni isaa immoo akka abbaan koo itti babbareechee hojjetutti namni kan biraan waan hin dandeenyeefi dha. Inni kophee ni hojjeta jechuun qofti abbaa koo hin ibsu; lubbuuma itti uuma malee!
Mee isinumaanan gaafadha, kophee abbaan koo isiniif hojjete irratti komii qabduu? yoo jiraateef anis ogummaa sana waanan qabuuf kophee kan biraa isiniif hojjechuu nan danda'a. Garuu hangan fedhe bareechee yoon isiniif hojjedhe iyyuu hamma abbaakootii akka inni hin bareedne beeka. Sababni isaas ogummaa abbaan koo kophee hojjechuu irratti qabu jabeessee waanan beekuufi.
Egaa anumti mataan koo iyyuu ogummaa isaa kanaan baay'een abbaa kootiin boona," jedhe deebiseef. kana irratti namoonni mana maree sana keessatti argaman martinuu gab jedhan. Xinnaa guddaan afaan qabatan. deebii A.Linkeen deebisettis ni dinqisiifatan, hamma sila itti kolfan dabaree isaanii morma isaanii cabsan.
EGAA ATIS HUBADHU!
---------------------------------------------------
Hanga ati hin eyyemnetti eenyu iyyuu simiidhuu hin danda'u. Yeroo kam illee yoo ta'e kan numiidhu wanta nu mudate osoo hin taanee wanta nu mudate/nurratti ta'e/ sanaaf deebii nuti laannuudha. #Bidiruun bishaan isatti marsee jiruun hin liqimfamu. Bishaanichi hanga barbaade bal'atus ta'e baay'atus yeroo kamiyyuu bidiruun irra ni adeema. Garuu bishaan kunniin qaawwaa (uraa) argatanii yoo keessa isaa seenan yeroo sanaa kaasee gadi dhugamuu jalqaba.
Bishaanichi bishaan xiqqoo yoo ta'e illee irra keessa adeemuu hin danda'u; in dhugama, in nyaatama, in dhokatas! Egaa atillee akkasumadha. Wanta siin jedhamu, naannoo keetti wanta hojjetamu, jechoota mogolee sibuusan kan namni haasa'u maratti yoo karaa cufte, akka inni keessa kee seenu yoo gochuu dhaa baatteef yeroo hundumaa ati MO'AA dha. Diddee garuu wantoota kanneenif karaa laatta yoo ta'e in MO'AMTA, in INJIFATAMTAS!
kanaafuu moo'uu fi mo'amuu kee kan murteessu Rabbiitti/Waaqatti aansee si mataakee ta’uu hubadhu. Rabbii/Waaqni wanta si dhoksee keessaa si haa baasu.
Erga Media

Comments