Ilaalcha koo qofaatu sirriidha, waanan dubbadhu qofaatu haqa, akkana ta'i, akkasitti dubbadhu, akkanatti yaadi!....." jedhanii ilaalcha dhuunfaa ofii nama biroo irratti fe'uun wal garboomsuudha.
Waan irratti waliif gallu irratti waliif gallee dabarra. Waan irratti waliif hingalle ammoo akka irratti waliif hingalle waliif gallee ilaalcha walii waliif kabajnee waliin jiraanna! Ilaalchi dhuunfaa kiyya kanuma kiyyaa; keetis akkasuma.
Garuu osoo ani ilaalcha kee siif kabajuu ati kan koo yoo tuffatte ani kan kee nin tuffadha beekii..dursee kan kee siif kabajuun koo garuu kan kee waan naa caaleef osoo hin taanee yaadaafi hubannoon sii amansiisuuf fedhii koo obsaan waan dangeesseef.
"Garaagarummaa ilaalchaa waliif kabajuunis dirqama ta'uu hubannee garaagarummaa ilaalchaa keenya moggaatti dhiisnee wal kabajnee jaalalaan waliin haa jiraannuu!
Jireenya Kee Jijjiiruu Feeta? Ka'ii, Har'a Jalqabi! Seensa Namni hunduu jireenya fooyya'aa fi gammachuu guutuu qabaachuuf fedhii qaba. Garuu, fedhii qofa qabaachuun gahaa miti; tarkaanfii fudhachuun murteessaadha. Namoonni baay’een carraa eeguun turu; garuu, carraan eenyuufuu hin eeggamu. Warri milkaa’an yeroo sirrii eeganii hin turre – ka’anii hojjatan ! Ati immoo har’a jalqabuu dandeessa! 1. Jijjiirama Maaliif Barbaadna? Jijjiiramni sababa lamaaf barbaachisa: Rakkoo keessaa ba’uuf. Sadarkaa olaanaa irra ga’uuf. Namni jireenya fooyyeffachuu barbaadu wantoota jijjiiruuf dirqama qaba. Jireenya keessa rakkoon fi gufuun ni jiraatu. Garuu, namoonni milkaa’an tarkaanfii fudhachuu fi warri hafan immoo dhiisuu filatu. Ati eenyu ta’uuf yaadaa? Ka’ii, har’a jalqabi! 2. Of-Baruu fi Kaayyoo Kee Beekuu Kaayyoo malee deemuun karaatti hafuu dha. Jireenya kee jijjiiruuf wantoota armaan gadii irratti xiyyeeffadhu: Of-baruu : Jabina fi laafina kee addaan baafadhu. Yaada kee fooyyes...

Comments